QEERROO BILISUMMAA OROMOO Hagayya 30, 2020 - OROMIYAA WAAMICHA WARRAAQSA OROMIYAA OOLCHUU! Oromiyaan jaarraa tokkoo fi walakkaaf weerara alagaa jalattti qabeenya saamamaa fi daangaan ishee cicciramee xiqqaachaa fi dhiphachaa har'a geesse. Ilmaan ishii irrattis ajjeefamuu, qe’ee irraa buqqifamuu, hidhamuu, dararamuu fi roorrifamuun waggoota 150 lakkoofsisee jira. Sirni diina Oromoo, Oromiyaa koloneeffatee dabaree dabareetiin tooftaalee garagaraa ammayyeessaa umrii koloneeffattummaa isaa dheereffataa ture. Sirni Oromiyaa weeraree Oromoo koloneeffate kun maqaa fi tooftaa jijjiirrataa karoora farrummaa hojiitti hiikaa ture. Murni EPRDF maqaa haaromsaatiin ol ba'e kunis kaayyoo gita bittootaa waggoota 150 dura kaayyeffatee hojiitti hiikaaa ture jabeessee galmaan gahuuf kan yeroo kamii caalaatti ijibbaata isa dhumaatti jira. Ummata Oromoo kutaa fi lagaan adda qoqqoodee cabsee sirna bittaa isaa jabeeffachuuf waggoota lamaan dabran kana carraaqqii ciccmaa godhaa ture. Akka mootummaa Oromootti of dhaadhessuun ummata Oromoo burjaajessuuf tooftaalee hedduutti fayyadamaa ture. Haalota kanatti fayyadamuunis waggoota lamaan kana mooraa waraanaa hundatti humna waraanaa ittiin ummata Oromoo humnaan cabsanii Oromiyaa diiganii fi Oromummaa balleessan leenjifataa turuu namuu quba qaba jennee amanna. Waggaa lamaaf Kibbaa fi Lixa Oromiyaatti duula sanyii duguuggaa hamaa geggeessaa ture. Haala walfakkaataan tahuu baatus kutaalee Oromiyaa mara keessatti guyyaan ilmaan Oromoo itti hin ajjeefamiin oolan hin turre. Yeroo ammaa kana ammoo guutuu Oromiyaatti humna waraanaa baayyina isaa tilmaamuun nama rakkisu, loltoota biyya ollaa (Eeritiiriyaa) irraa ergifatee fide hunda hanga gandoota Oromiyaa maratti bobbaasuun ajjeechaa suukanneessaa ummata Oromoo irratti raawwataa jira. Kun ammoo afaan qawweetiin guutummaa Oromiyaa weeraree, Oromiyaa fi Oromummaa lafa irraa dhabamsiisuuf humnaa fi tooftaa qabu ijibbaata isa dhumaa yaalaa jira. Sirni nafxanyaa maqaa 'bilxiginnaa' jedhuun aangoo dhuunfatee jiru kun kan akaakileen isaa: Tewoodiroos, Minilik fi Hayilesillaaseen faa yaalanii akka yaadanitti hin milkaayiin hafan sana galmaan gahuuf akkuma dhaadannoo isaa gochaanis muldhisaa jira. Afaan Oromoo sirna barnootaa keessaa baasanii Afaan Amaaraa Oromiyaa keessatti kutaa 1ffaa irraa akka baratamu labsaa jiran.Sirnuma federaalizimii maqumaaf jiru sana haqanii sirna bulchiinsa afaan, amantii fi biyya tokko jedhu waggoota lamaaf leellisaa turan, imaammata isaanii waraqaarraa qaban san hojiitti hiikaa jiraachuu ummanni Oromoo ifatti argaa jira. Haala kanaan Itoophiyaa tokkittii olaantummaa sabaa fi sirna tokkootiin bultu malee Oromiyaa fi kutaaleen bulchiinsa naannoo jedhaman hundi dhabamsiifamuuf duulli ijibbaataa geggeeffamaa jira. Oromoon dhaaba siyaasaa, hooggansaa fi miidiyaa akka hin qabaanne gochuurratti hojii guddaa hojjetaa turan, hojjetaas jiru. Oromoon dhaaba siyaasaa, hooggansaa fi miidiyaa akka hin qabaanne gochuurratti hojii guddaa hojjetaa turan, hojjetaas jiru. beenyaa fi ajjeechaan jumlaa Oromiyaa keessatti, addatti ammoo Bahaa fi Kibba Baha Oromiyaatti torbanoota lamaan dabran kana keessa hidhattoota mootummaatiin ummata keenyarratti raawwataman, sirni kun akkuma dhaadataa ture karoora isaa hojiitti hiikuuf duubatti akka hin jenne mirkaneessa. Baatii lamaa asitti ilmaan Oromoo yoo xiqqaate dhibba jahaa (600) hidhattoota sirna aangoorra jiru kanaatiin ajjeefamaniiru. Hoogganoota olaanoo dhaabbilee siyaasaa fi hayyoota dabalatee kuma soddomaa (30,000) ol ammoo badii tokko malee hidhamaniiru. Kumaan kan lakkaawaman ammoo madoo fi qaama miidhamtoota tahaniiru. Manneen hidhaa Oromiyaa keessa jiran guunnaan, waajjiraaleen mootummaa fi manneen barnootaa hundi ilmaan Oromoo guutamee jira. Oromiyaa fi Oromummaa balleessuuf duulli diinummaa hamaan amma eegalame kun qabsoon ummata Oromoo yoo daran jabaatee itti fufuu hanqate diinni akka yaadetti abjuu isaa akka dhugoomsatuu carraa kennaf. Kanaaf, ummanni Oromoo gola Oromiyaa fi biyyoota hambaa jiru marti falmaa jabaa walirraa hin citne jabeessee itti fufuu yoo baate hireen oromoo fi Oromiyaa yaaddoo hamaa keessa gala. Oromoon mirga abbaa biyyummaa isaaf famachuun hafee, Oromummaa isaa ibsatee biyya isaa keessa jiraachuun sadarkaa yaachisaatti deemaa jira.Waan taheef, yeroon qabsoo hadhaawaa walirraa hin citne geggeessinee oromoo fi Oromiyaa baduu irraa baraarru amma. Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan gootonni qaqqaaliin kumaa fi kitilaan itti wareegaman galmaan gahuuf, sirna nafxanyaa Oromiyaa fi Oromoo liqimsuuf hamuummatu hundeedhaan buqqisuuf yeroon kun akkaan murteessituudha. Carraa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu qofa qabna. Jabaannee falmannaan abbaa biyyaa taanee biyya keenyarra bilisaan jiraanna; qabsoo gitaa geggeessuu yoo hanqanne ammoo biyya keenya Oromiyaa dhabnee, eenyummaa keenya mulqamnee jiraatti du'uu ykn eenyummaa keenya waliin ajjeefamnee baduutu nutti dhufee jira. Qabsoo jabeessuu qofatu nu baasa. Haaluma kanaaf, Koreen Qindeessituu Warraaqsa Galaana Ummataa (KQ-WGU), Qeerroo fi ummanni Oromoo bal'aan Qabsoo qindaawaa fi imala kaayyoo keenyaa shaffisiisu akka geggeessu WAAMICHA WARRAAQSA OROMIYAA OOLCHUU jedhu labsee jira. Labsii kanaanis, Qeerroo fi ummanni Oromoo bal'aan, Roobii dhufu, Fulbaana 2,2020 (Hagayya 27, 2012) irraa eegalee tarkaanfiiwwan of-irraa ittisuu armaan gadii guutuu Oromiyaa keessatti fudhachuun qabsoo akka finiinsu waamicha dabarsa. 1. Daandiiwwan konkolaataa aanaalee fi godinoota Oromiyaa mara keessa jiran diinni itti fayyadamee nu balleessuuf dhufu toftaalee beeknuun karaa cufuun, riqichaalee kutuu. 2. Caasaa mootummaan itti fayyadamee nu balleessaaf ka’e Waajjiraalee mootummaa sadarkaa gandaa/araddaa irraa hanga aanotaa fi godinaaleetti jiran cufuu. Waajjiraalee banamanii diinni keessatti hojii geggeeffaturratti ittisa saba keenyaaf jecha tarkaanfii laalessaa fudhachuu. 3. Diinaa fi ergamtoota diinaa, kanneen akka basaastuu, caasaa tikaa fi kaabinoota ummata dararan irratti tarkaanfii of baraaruu fudhachuu. Keessattuu caasaaleen tikaa fi basaastonni ummata keessa akka hin sochoone guutummaatti dhorkuu. 4. Galiiwwan mootummaan ummata irraa guuramee faayidaa mootummaan ittiin nu ajeessuu irra oolu guutummaatti kutuu. Gibiraa fi qaraxa adda addaa ummanni keenya mootummaaf akka hin kaffalle gochuu. 5. Tajaajila Qabeenyaalee oromiyaa irraa burqani garuu faayidaa murna farra uummata oromoo fi mootummaa nu ajjeessuuf humna ta’aniif kamu daangessuu. KOREE QINDEESSITUU WARRAAQSA GALAANA UMMATAA (KQ-WGU) WARRAAQSI GALAANA IRRA DHANGALAANA IUO'f!
Enter the password to open this PDF file:
-
-
-
-
-
-
-
-
-
-
-
-